Skip to content
Scan a barcode
Scan
Paperback Iccitii Gosa Dhiigaa [Oromo] Book

ISBN: 1763510700

ISBN13: 9781763510708

Iccitii Gosa Dhiigaa [Oromo]

Hidda dhala namaa walitti hidhan keessaa, hiddi Sanyii ykn eenyummaan isa tokko kan ta'eefi seenaa waloo dhala namaa keessatti dhiibbaa mataasaa qabaachaa har'a ga'ee jira. Garuu hiddoota dhala namaa walitti hidhan keessaa, inni murteessaafi adda duree ta'e, jechuunis 'Eenyummaan Namummaa' ni argama. Kunis GOSA DHIIGAA; Sanyii, halluu gogaafi dhaala maatii keenyarraa dhaallu kamiinuu ol kan ta'edha.

Ogummaa uumamaa ajaa'ibsiisaa kan bulbula baayoloojii fi seelotaa akkasumas pilaazimaarraa dhangi'ame kanatu akka lubbuun jiraannu nu taasisa. Gosni dhiigaa kunneen, hojii isaanii raawwachuu malee; sanyummaa, olaantummaafi gad-aantummaa namummaa kamuu irraa bilisa. Falaasamootaafi aadaa hawaasni ijaarrate; jiraatanis, jiraachuu baatanis, onneen ni dhahatti, dhiigni qaama keenya keessa tamsa'ee naanna'uun jireenya itti fufsiisa.

Dhiigni wal nama hincaalchisu. Sanyii, koorniyaafi seenaa jireenyaa irratti hundaa'uun loogii hingodhu. Kaayyoon isaa kan nama hundaa walqixxummaatti, kutannoodhaan sooruufi jireenya itti fufsiisu raawwachuudha. Humni dhiigaa kun walqixxummaa bu'uuraa dhala namaa hunda gidduu jiru kan hubachiisu yoo ta'u, adda addummaa keenya caalaa wal fakkenya keenya nu yaadachiisa.

Kitaabni "Iccitii Gosa Dhiigaa: Miira Sanyummaan Gamatti" jedhu, adeemsa barnoota akkaadaamii qofa osoo hintaane, adeemsa itti hiika namummaa gadi fageenyaan keessatti hubannudha. Ofii, gosa dhiiga keessanii beektu?

Recommended

Format: Paperback

Condition: New

$19.89
Save $5.11!
List Price $25.00
Ships within 2-3 days
Save to List

Customer Reviews

0 rating
Copyright © 2026 Thriftbooks.com Terms of Use | Privacy Policy | Do Not Sell/Share My Personal Information | Cookie Policy | Cookie Preferences | Accessibility Statement
ThriftBooks ® and the ThriftBooks ® logo are registered trademarks of Thrift Books Global, LLC
GoDaddy Verified and Secured