Imalli oromoon erga gabrummaa jalatti kufee kaasee qabsoo blisummaf godhee fi gochaa jiru
baayyee dheertuu fi hadhoftuu dha. Ani ergan of baree imala kanatti dabalamee eegalee kitaabni
kun taatewwan yookan mudannoo dhugaa imala kana keessatti na mudatan, Seenaa oromoo, Siyaasa,
Qabsoo hidhannoo, seenaa goototaa, Afoola oromoo, asoosama waraansa jaalalaa jedhuu fi seenaa
Finfinnee dabalatee Waan hedduun kan hammatamee dha.Keessaa iyyuu rakkoolee mooraan
qabsoo bilisummaa oromoo "MQBO" keessa darbeef itti jiru; hedduminaan ni tuttuqa.Oromoon saboota
gaanfa afirikatti Jalqaba argaman keessaa saba isa guddaa fi hidda latiinsaan damee kuush ta'ee dha.